Fana: At a Speed of Life!

Korechi hordoffii fi to’annoo dirreetti taasisan keessaa dhimmoota xiyyeeffannoo barbaadan bakka hooggansi olaanaan argamanitti qorate

Finfinnee, Amajjii 10, 2014 (FBC) – Koreen Dhaabbii Caffee Oromiyaa hordoffii fi to’annoo dirreetti taasisan keessaa dhimmoota xiyyeeffannoo barbaadu jedhee adda baase bakka hooggansi olaanaan qaamolee mootummaa sadeenii fi manneen hojii dhimmi ilaalu argamanitti qorateera.

Qorannaa kanarratti Afyaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurahmaan, Preezdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa  Obbo Shimallis Abdiisaa, Preezdaantii Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa  Obbo Gazaalii A/Simal, Dura Taa’onni Koree Dhaabbii Caffee fi hooggantoonni Biirolee Oromiyaa argamaniiru.

Marii kanarratti, daawwannaa dirree fi marii hawaasa waliin Godinaalee 10, Magaalota 6 fi Aanaalee 26 keessatti gaggeeffameen yeroo itti aanutti dhimmoota mootummaan xiyyeeffannoon irratti hojjechuu qabu jedhamee adda bahan D/Taa’aan Koree Dhaabbii Dhimma Hawasummaa Caffee Dooktar Dalasaa Bulchaa dhiyeessaniiru.

Hojiiwwan misoomaa fi nageenya naannoosaa tiksuun walqabatee hirmaannaan ummataa olaanaa ta’uu, oomisha qamadii jallisiin qonnaan bulaan misoomasaa jiru, hojiin qaqqabamummaa barumsaa fooyyessuuf hojjetamaa jiru jajjabeessaa ta’uun himameera.

Qabxiilee xiyyeeffannoo barbaadu jedhamanii adda bahan keessaa, manneen hojii bal’inaan hawaasaaf tajaajila kennan mana qopheessaa, dhaabbilee fayyaa, ibsaa, bishaan, galii, waajjira bulchiinsa lafaa fi kanneen biroo keessaatti sirni kenna tajaajilaa hanqina qabaachuun himameera.

Gama biraan, ijaarsi seeraan alaa babal’achuu, adeemsi hojii Invastimentii sadarkaa aanaa hanga naannootti jiru nuffisiisaa ta’uu, balfi warshaalee keessaa bahu naannoo faaluun hawaasa irratti miidhaa qaqqabsiisaa jiraachuu fi carraa hojiin walqabatees xiyyeeffannoon eebbifamtootaaf kennamuu dhabuu,waldaaleen IMX osoo of hin danda’iin ceessisuun hanqina ta’uun himameera.

Gama barnootaan, barmaatileen hanna qormaataa babal’achuun dhaloota kan miidhu ta’uu, argannoo Odiitii keessaa fi alaa irratti tarkaanfii fooyya’iinsaa gahaa fudhachuu dhabuu, sirni kenna tajaajila haqaa, Aanaalee hedduu keessatti rakkoon hanqina baajataa mul’achuu,waajjiraaleen tokko tokko kaffalaa gibiraa waliin hariiroo uumuun galii mootummaan argachuu qabu dhabsiisaa waan jiruuf xiyyeeffannoon hojjetamuu akka qabu himameera.

Magaalota Waliisoo fi Asallaatti manneen jireenyaa waliinii yeroo dheeraaf ijaarsi isaanii adda cite rakkoo bulchiinsa gaarii ta’uu fi dhimma xiyyeeffannoo olaanaa barbaadu ta’uu Koreen Dhaabbii Caffee kun eereera.

Rakkoolee kanneen furuuf sirna itti gaafatamummaa barsiisaa ta’e sadarkaan hojiirra oolchuu, kallattii hooggansi sadarkaan jiru kaa’u qabatamaan hojiirra oolchuu danda’uun akka barbaachisu himameera.

Qabxiilee Koree Dhaabbiin eeraman ilaalchisee hooggansi manneen hojii adda addaa fudhatanii kan irratti hojjetan ta’uu eeramuu ragaan Caffee Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.