Fana: At a Speed of Life!

Koreen dhaabbii Misooma Magaalaa Caffee Oromiyaa Jiraattoota Godina Harargee Bahaa Bulchiinsa magaalaa Awwadaay waliin mari’atan

Finfinnee, Amajjii 8, 2014 (FBC) – Jilli Itti Aantuu walitti qabduu koree dhaabbii Misooma Magaalaa Caffee Oromiyaa Injiinar Nabiilaa Oliitiin durfamu Jiraattoota Godina Harargee Bahaa Bulchiinsa magaalaa Awwadaay waliin mari’ateera.

Jilli Itti Aantuu waliti qabduu Koree dhaabbii Misooma Magaalaa Caffee Oromiyaa injiinar Nabiilaa Oliitiin durfamu Proojektoota misoomaa Magaalaa Awwadaay keessatti hojjatamaa jiran daawwachuun, Ummata Magaalaa Awwadaay waliin mari’ateera.

Jiraattoonni Magaalaa Awwadaay gaachana sirnaatiin nageenya Magaalaa isaanii eeggachaa akka jiran himuun, Mootummaan rakkoo bishaanii, daandii aspaaltii fi ibsaa akka furuuf gaafatan.

Baajanni Naannoon magaalaa Awwadaayiif ramadu fedhii misoomaa magaalaa waliin kan wal hin simne waan taheef, sirraa’uu akka qabuu fi Sadarkaan magaalaatis ol guddachuu akka qabu gaafataniiru.

Ibsaan walqabatee Ummanni baasii humnaa oliitiif saaxilamaa akka jiru kan himan jiraattoonni kanneen, haqa mirkaneessuuf Manneen murtii Aadaa cimsuun barbaachisaa akka tahees dubbataniiru.

Kantiibaan Magaalaa Awwadaay obbo Diinoo Amiin rakkoo humna magaalaatiin furamuu danda’an furuuf, hojjetama jira jedhan.

Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaatti miseensi koree dhaabbi misooma Baadiyyaa obbo Ahmad Abuubakar, rakkoo Ummanni Magaalaa Awwadaay himatu qaama dhimmi ilaalu dubbisuun, akka furamuuf ni hojjenna Jadhan.

Walitti qabduu Itti Aantuun koree dhaabbii misooma Magaalaa Caffee Oromiyaa Injiinar Nabiilaa Olii, magaalaa Awwadaayitti sochiin rakkoo Ummataa furuuf godhamaa jiru abdachiisaa akka tahee fi harkifannaan Jiddugala Gabaa Jimaa irratti muul’atu xiyyeeffannaa akka barbaadu dubbachuu OBN gabaaseera.

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.