Fana: At a Speed of Life!

Korporeeshinich walakkaa waggaatti Doolaara miiliyoona dhibba 1 ol sharafa alaa argachuu beeksise

Finfinnee, Amajjii 22, 2013 (FBC ) – Korporeeshiiniin Misooma Paarkiiwwan Indaastirii baatiwwan 6n darbanitti Doolaara miiliyoona dhibba 1 ol sharafa alaa argachuu beeksise.
Walakkaa waggaa kanatti dargaggoota kuma 19 fi 757f carraa hojii uumuus ibseera.
Baatiwwan jahaan darbanitti oomishaalee Doolaara Ameerkaa miiliyoona 83 fi kuma dhibba 9 fi kuma 72 fi 421 baasan gabaa alaaf erguu ifoomseera.
Dabalataan meeshaaleen gabaa alaarraa bitamuun gara biyya keessaa galaa turan dhaabbileewwan Paarkii Indaastiriin akka oomishaman taasiisuun Doolaara Ameerikaa miiliyoona 20 fi kuma dhibba 3 fi kuma 25 fi 897 baasaan gabaa biyya keessaaf dhiyeessuun danda’amuu ibsameera.
Korporeeshiiniin Misooma Paarkiiwwan Indaastirii erga hojii eegalee jalqabee hanga ammaatti oomishaalee Kuma dhibbi 5 fi kuma 71 ol gabaa alaaf dhiyaachuu himameera.
Korporeeshinichi hojjettoota warshaa dabalatee lammiilee kuma 70 oliif carraan hojii akka uumamuu gumaachuu ibsameera.
Korporeeshinichi erga hundaa’ee kaasee waggoottan shanan darbanitti Paarkiiwwan Indaastirii 13 misoomsuun hanga ammaatti 11 gara oomishaatti galuu himameera.
Korporeeshiiniin Misooma Paarkiiwwan Indaastirii raawwii hojii baatiwwan jahaan darbanii magaalaa Dirree Dawaatti gamaaggameera jedhame.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.