Fana: At a Speed of Life!

Kurmaana jalqabaa bara 2014n daldala alaarraa galiin Doolaarri biiliyoonni 1 ol argamuu ibsame

Finfinnee, Sadaasa 23, 2014 (FBC) – Kurmaana jalqabaa bara baajataa 2014n daldala alaarraa galiin Doolaarri biiliyoonni 1 fi miiliyoonni dhibbi 2 ol argamuu Ministeerri Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa beeksise.

Baatiiwwan 4 darbanitti daldala alaarraa galii Doolaara biiliyoona 1 fi miiliyoona dhibba 3 fi miiliyoona1 argamsiisuuf karoorfatamee Doolaarri biiliyoonni 1 fi miiliyoonni dhibbi 2 fi miiliyoonni 8 argamuu ibsameera.

Haaluma kanaan karooricha %98 milkeessuu danda’amuu Ministirri Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa obbo Gabramasqal Caalaa ibsuu ragaan Ministeericharraa argame ni mul’isa.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa

argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.