Fana: At a Speed of Life!

Kurmaana jalqabaatti hidha Haaromsaa Guddichaaf Birriin miiliyoonni 500 ol walitti qabame

Finfinnee, Onkololeessaa 13, 2013 (FBC) – Kurmaana jalqabaatti hidha Haaromsaa Guddichaa Ityoophiyaaf Birriin miiliyoonni 500 ol walitti qabamuu Waajjirri Mana Maree Qindeessaa Hirmaannaa Uummata Biyyooleessaa beeksise.

Daayrektarri kominikeeshinii wajjirichaa obbo Haayluu Abirhaam, lammiileen hirmaannaa hidhichaaf taasisan cimee itti fufeera jedhan.

Guutinsa bishaanii waliin wal qabsiisee kaka’uumsii fi deeggarsi hawaasaa haala olaanaan dabaleera jedhan.

Baatii Adooleessa 2012 qofaatti galiin Birrii miiliyoonni 100 miiliyoonni 9 fi kumni dhibbi 9 argamuu ibsaniiru.

Hanga baatii Hagayyaatti galiin Birrii miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 52 ol argamuu ibsuun, baatii Fulbaana ammoo galiin Birrii miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 97 argamuu eeraniiru.

Baatii Fulbaana 2013tti galiin argamee hidhichaaf hanga har’atti galii walitti qabamee keessaa isa olaanaa ta’uu dubbataniiru.

Waliigala kurmaana jalqabaatti galiin Birrii miiliyoona dhibba 5 fi miiliyoona 7 argamuu obbo Haayluun himaniiru.

Maddi:-TOI

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.