Fana: At a Speed of Life!

Kutaa magaalaa Aqaaqii Qaallittitti barattoonni kutaa 8ffaa martinuu gara daree itti aanuutti darbu himame

Finfinnee, Muddee 23, 2013 (FBC)- Kutaa magaalaa Aqaaqii Qaallittitti barattoonni kutaa 8ffaa martinuu gara daree itti aanuutti darbu waajjirri barnoota kutaa magaalichaa beeksiseera.
Qormaata kutaa 8ffaan baranaatin barattoonni 312 qormaaticha fudhatan keessaa martiinuu gara daree itti aanuutti darbuu yaa’ii barnoota walii galaa Afaaan Oromoo kutaa magaalaa Aqaaqii Qaalittitti gaggeefameerratti ibsameera.
Yaa’iicha irrattis raawwiin barnoota baatiiwwan 6 fi karoorri itti anuu irrattis mariin qaamolee hooggantoota mootummaa, hawaasaa fi maatii barattootaa waliin gaggeefameera.
Itti gaafatamaan waajjiira barnootaa kutaa magaalaa Aqaaqii Qaalitti obbo Alalliny Wandee, raawwiin kun baatiiwwan 6 darbanitti barnoonni dhaabbatus hojiin barnoota waan hin dhaabanneef bu’aa argamedha.
Yaa’icharratti kan argaman hojii raawwachiiftun kutaa magaalichaa aadde Fatiyaa Mohaammad, hawaasni afaan isaatiin baratee akka hin milkoofnee hacuuccaa turee kaasaniiru.
Ta’us arsaa kaleessaa kaffalameen barattoonni kumni 8 afaan dhalootaa isaaniitin barachaa jiru jedhaniiru.
Jamiilaa Jamaaltu gabaase
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.