Fana: At a Speed of Life!

Kutaa magaalaa Lidataatti manneen jireenyaa ganda seeraan alaa qabamanii turan 138 harka qalleeyyiif dabarfaman

Finfinnee, Caamsaa 26, 2013 (FBC)- Itti aantuun Kantiibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee Kutaa magaalaa Lidataatti manneen jireenyaa ganda seeraan alaa qabamanii turan 138 harka qalleeyyiif dabarsaniiru.

Aadde Adaanach bulchiinsi magaalichaa manneen jireenyaa karaa seeraan alaa qabamanii turan gadi lakkisiisuun jiraattoota harka qalleeyyii ta’aaniif dabarsaa jiraachuu himaniru.

 

Yeroo itti aanuuttis magaalichaatti haqummaanii fi hundi wal qixaa akka fayyadamuuf ni hojjeta jechuusaanii ragaan Prees Seekreetiyaatii magaalaa Finfinneerra argamee ni muul’dhisa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.