Fana: At a Speed of Life!

Kuwaataar lammiileen haguugguu fuulaa hin fayyadamne Doolaara kuma 50 akka adabaman murteessite

Finfinnee, Caamsaa 7, 2012 (FBC) – Kuwaataar lammiileen iddoo kamittuu haguuggii fuulaa malee yeroo sosocho’an argaman Doolaara kuma 50 akka adabaman murtee dabarsite.
 
Ministeerri biyya keessa biyyattii lammiileen biyyaattii sochii kamiiyyuu yeroo taasisan haguugguu fuulaa fayyadamuun dirqama ta’uu ifoomsera.
 
Qaamni seera kana darbe Doolaara kuma 50 yookaa Riiyalii kuma dhibba 2 akka adabaman murtaa’uu beeksiseera.
 
Dabalataan lammiileen seera kana cabsan hidhaan waggaa 3 kan isaan eeggatu ta’uu hubachiiseera.
 
Seerri kun nama dhuufaan konkolaataa fayyadamu hin ilaallatu jedhame.
 
Akka gabaasa Rooyitarsitti biyyattiitti sa’aatii 24 darbe keessatti qofa namoonni kumni 1 fi 733 vaayrasichaan kan qabamaniiru.
 
Kuwaataaritti Waliigala namoota kuma 28 fi 272 dhibichaan qabaman keessaa namoonni 14 lubbuun darbaniiru jedhame.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.