Fana: At a Speed of Life!

Lagni Awaash guutuun jiraattoonni kumni 32 ol qa’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’an

Finfinnee, Adoolessa 29, 2012 (FBC) – Naannoo Afaaritti lagni Awaash guutuun jiraattoonni kumni 32 ol qa’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’uu Biiroon Ittisa Balaa fi Wabii Nyaataa naannichaa beeksise.
 
Lagni Awaash hammaa ol guutuun jiraattoonni aanaalee 6 qa’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’uu daayreektarri akeekkachiisaa duraa fi deebii hatattamaa naannoo Afaar obbo Aydaahiis Yaasiin ibsaniiru.
 
Akka ibsa daayreekterichaatti naannichatti aanaaleen naannoo laga Awaash jiran 7 balaaf saaxilamoodha.
 
Rakkoo kana furuuf Abbaan Taayitaa Yaa’a Laga Awaash qaamoolee federaalaa fi naannoo waliin qindoominaan lolaa ittisuuf hojjetus ganni bara kanaa cimaa ta’uu isaan aanaaleen 6 balaa lolaaf saaxilamuu himaniiru.
 
Aanaalee kanneeniitti qabeenyarra miidhaa guddaan qaqqabuu obbo Aydaahiis ibsaniiru.
 
Jiraattoota aanaa Aysaa’iitaa gandoota lama keessa jiraataniif mootummaan federaalaa Heeliikooptaraan namoota kuma 1 fi 100 miidhaan nyaataa dhiyeessaa jiraachuu ibsameera.
 
Namoonni kumni 17 fi 450 ol aanaa Aysaa’iitaa gandoota 5 keessaa kan buqqa’aniidha.
 
Dilbata darbee eegalee namoonni kumni 1 fi 126 bishaaniin marfamanii jiraachuu himameera.
 
Naannoo Afaar yaa’a gara gadii Awaashitti namoonni kumni 63 balaa lolaaf saaxilamoo yoo ta’an, namoonni kumni 44 qa’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’u danda’u jedhame.
 
Maddi:-TOI
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.