Fana: At a Speed of Life!

Lakkoofsi namoota Galaana Meditiraaniyaaniitti lubbuun darabanii dachaa sadiin dabale

Finfinnee, Fulbaana 19, 2016 (FBC)– Lakkoofsi Godaantota Afrikaa Gara Awurooppaatti ce’uuf utuu yaalanii Galaana Meditiraaniyaaniitti lubbuun darbanii dachaa sadiin dabaluu Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii beeksise.

Baatii Waxabajjii darbee hanga Hagayyatti godaantonni Afrikaa 990 Galaanaa Meditiraaniyaaniinitti lubbuun isaanii akka darbee gabaasaa baaseen akeekeera.

Bara darbee lakkoofsi godaantota galaana kanatti lubbuun isaanii darbe 334 akka ture eeruu Africa News gabaaseera.

Awurooppaatti koolu galtummaa argachuuf imalarra utuu jiranii daa’immaan lubbuun isaanii darbu dabalaa dhufuu kan eere dhaabatichi, dhimmicharatti kutannoon siyaasa dhabamuun rakkochi akka babal’atu taasisuu ibseera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.