Fana: At a Speed of Life!

Lakkoofsi namoota guyyaan Vaayrasii Koroonaan lubbuu dhabanii daraan dabalaa dhufuu ibsame

Finfinnee, Fulbaana 12, 2014 (FBC) – Weerarri Vaayrasii Koroonaa haaraan gosa Deeltaa jedhamu saffisa olaanaan babal’achaa jiraachuu Ministeerri Fayyaa Beeksise.
Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaa haala weerara Vaayrasii Koroonaarratti miidiyaaleef ibsa laataniiru.
Ibsichaan Lakkoofsi namoota yaala wallaansa cimaa keessa galanii 800 ga’uu himaniiru.
Weerara saffisaan tatamsa’aa jiruu fi miidhaa dhufu hir’isuuf tooftaan ittisaa furtuu ta’e talaallii ta’uu Dooktar Liyaan eeraniiru.
Namoota umrii 18 ol ta’aniif Finfinnee dabalatee magaalota naannolee keessatti talaalliin kennamaa jiraachuu ibsaniiru.
Ayyaanota dabalatee haalota Vaayrasii kana babal’isuu danda’an hir’isuuf hunduu qindoominaan hojjechuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.
Addisuu Mulunaatu gabaase
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.