Fana: At a Speed of Life!

Lakkoofsonni Herreega Baankii yakka daddabarsa Maallaqa seeraan alaa waliin hariiroo qabaachuun shakkaman 600 ol dhorkaman

Finfinnee, Fulbaana 30, 2015 (FBC) – Lakkoofsonni Herreega Baankii yakka daddabarsa Maallaqa seeraan alaa waliin hariiroo qabaachuun shakkaman 600 ol dhorkamuu Tajaajilli Nageenya Faayinaansii Ityoophiyaa beeksiise.

Lakkoofsoonni Herreega Baankii 665 akka hin sochoone dhorkamuu Tajaajilchi ibseera.

Lakkoofsoonni kunneen eeyyama daddabarsa maallaqoota biyya alaa osoo hin qabaatiin karaa seeraan alaa qaamolee biyya keessaa fi alaa waliin hariiroo uumuun hojii karaa seeraan alaa maallaqa daddabarsuurratti bobba’anii kan argaman ta’uu himeera.

Yakkamtoota kallattii fi alkallattiin hirmaannaa qaban seeraan gaafachuuf hojiin cimaan hojjetamaa jiraachuu eerameera.

Tajaajilli Nageenya Faayinaansii qaamolee dhimmi ilaallatu waliin qindoomuun yakkoota akka kanaa to’achuu fi ittisuuf tattaaffii taasiisu hawaasni ragaa fi eeruu laachuun tumsa isaa cimsee akka itti fufu waamichi dhiyaateera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.