Fana: At a Speed of Life!

Lammiilee biyya alaatti haala rakkisaa keessa jiran guyyaa lamatti gara biyyaa deebisuuf hojjetamaa jira – obbo Daammaqaa

Finfinnee, Caamsaa 20, 2012 (FBC) – Lammiilee biyya alaatti haala rakkisaa keessa jiran guyyaa lamatti gara biyyaa deebisuuf hojjetamaa jira jedhan itti aanaan muummee ministiraa obbo Daammaqaa Makoonnan.
 
Koreen ministirootaa raawwii labsii yeroo ariifachiisaa weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf ba’e gamaaggameera.
 
Gamaaggamichaanis sababii weerara vaayrasichaatin lammiilee biyya alaatti rakkachaa jiran guyyaa lamatti gara biyyaa deebisuuf hojjetamaa jiraachuun ibsameera.
 
Kanaafis Ministeerri Dhimma Alaa FDRI fi miisiyoononni qindoominaan hojjechaa jiru.
 
Namoota saaxilamoo ta’aniif qorannaan taasifamu akka cimu, naannolee daangaattis tursi addaa dabalataa akka qophaa’u kallattiin kaa’ameera.
 
Ittisaa fi to’annoorrattis xiyyeeffannaan hordoffiin akka taasifamuu qabu obbo Dammaqaan ibsaniiru.
 
Waajjiraalee mootummaa, dhuunfaa, fi misoomaarratti daawwiin taasifameera.
 
Daawwichaanis of dagannaan furamuu akka qabu kan eerame.
 
Lakkoofsi namoota vaayrasichaan qabamanii guyyaa guyyaadhan dabalaa waan jiruuf, lammiileen gorsaa fi kallattii laatamu akka hordofan imaanaa jedhan obbo Dammaqaan.
 
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.