Fana: At a Speed of Life!

Lammiilee Itiyoophiyaa Sa’auud Arabiyaatti argaman kuma 70 torbee 2 keessatti gara biyyaa deebisuun eegalamuufi

Finfinnee, Bitootessa 12, 2016 (FBC) – Lammiilee Itiyoophiyaa Sa’auud Arabiyaatti haala rakkisaa keessatti argaman kuma 70 torbee 2 keessatti gara biyyaa deebisuun eegalamuuf ta’uu Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanoon ibsan.

Koreen biyyaalessaa karoora lammiilee Itiyoophiyaa Sa’uud Arabiyaatti haala rakkisaa keessatti argaman gara biyyaa deebisuuf qophaa’erratti mari’ateera.

Lammiilee kanneen gara biyyaatti deebisuuf dhaabbileen Federaalaa fi naannoolee koricha keessatti hammataman qindoominaan hojjechuu akka qaban Ambaasaaddar Burtukaan ibsaniiru.

Qophiin taasiifamuu haala guutuu fi saffisaan xumuramuu akka qabu hubachiisaniiru.

Lammiilee kanneen milkaa’inaan gara biyyaa deebisuuf Dhaabbileen Federaalaa fi naannolee dhimmichi ilaallatu xiyyeeffannoon hojjechuu akka qaban Daayrektarri Olaantuun Tajaajila Godaantootaa fi Godaansaa Deebitootaa Xaayibaa Hasan yaadachiisaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.