Fana: At a Speed of Life!

Lammiilee Saa’ud Arabiyaa jiran gara biyyaatti deebisuuf hojiilen eegalaman cimee itti fufa – Ministeera Nageenyaa

Finfinnee, Waxabajjii 10, 2013 (FBC) – Lammiilee Saa’ud Arabiyaa jiran gara biyyaatti deebisuuf hojiileen eegalaman cimee kan itti fufu ta’uu Ministeerri Nageenyaa beeksiise.
Ityoophiyaanoota kanneen gara biyyaatti deebisuuf hojiin foo’uu fi maatii waliin walitti fiduu cimee kan itti fufu ta’uu Ministirri Ministeera Nageenyaa aadde Mufariyaat Kamiil ibsaniiru.
Qaamolee dhimmi ilaallatu waliin ta’uun hojiileen lammiilee biyyoota garaagaraarraatti rakkoo keessa jiran gara biyyaa deebisuu fi maatii waliin walitti fiduu xiyyeeffannoon hojjetamaa turuu himaniiru.
Hojiin hojjetamaa jiru cimee kan itti fufu ta’uu ibsaniiru.
Lammiilee Ityoophiyaa Saa’ud Arabiyaa jiran gara biyyaa deebisuuf qaamolee dhimmi ilaallatu waliin bifa addaan hojjetamaa jiraachuu aadde Mufariyaat eeraniiru.
Haalduree barbaachisu xummuruun yeroo dhiyootti furmaata kan argatu ta’a jedhan.
Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Yuutyuubiihttps://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/
Twiitara Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.