Fana: At a Speed of Life!

Lammiilee Saa’ud Arabiyaatti haala rakkisaa keessa turan kuma 70 hojiin gara biyyatti deebisuun har’a ifatti eegale

Finfinnee, Ebla 4, 2016 (FBC)- Marsaa 3ffaa, Dippiloomaasii lammiileerratti xiyyeeffateen Saa’ud Arabiyaatti lammiilee haala rakkisaa keessa turan kuma 70 hojiin gara biyyatti deebisuun har’aa ifatti eegaleera.

Haaluma kanaan torbanitti balaliiwwan 12 taasisuun baatiiwwan afran dhufan lammiilee Saa’ud Arabiyaatti haala rakkisaa keessa jiran hojiin gara biyyatti deebisuu kan gaggeeffamu ta’uun eerameera.

Guyyaa har’aas lammiileen 842 gara biyyaatti kan deebi’an yoo ta’u, deebitoonni wayita Buufata Xiyyaara Idil Addunyaa Boolee ga’anitti Dubbi Himaan Ministeera Dhimma Alaa Nabiyyuu Tadlaa dabalatee Hoggantoota Dhaabbata Godaantota Idil Addunyaan simannaan taasifamuufii TOI gabaaseera.

Ministir Deetaan Ministeeraa Dhimma Alaa Ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanoo fi qondaaltonni biroon ministeeraa Dhimma Alaa Saa’ud Arabiyaatti Itti Gaafatamtuu Bulchiinsaa Makka Ambaasaddar Ma’aazaa Biin Haamiid Alhamilii waliin Giddugala Tursiisa Shimeesiitti lammiilee argaman kuma 10 ta’an deebisuun haala danda’amurratti mar’achuun ni yaadatama.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.