Fana: At a Speed of Life!

Lammiileen dhibee vaayrasii koroonaa ofirraa ittisaa ashaaraa magariisaarratti akka hirmaatan waamichi dhiyaate

Finfinnee,Adoolessa 9, 2012 (FBC) – Lammiileen dhibee vaayrasii koroonaa ofirraa ittisaa ashaaraa magariisaarratti akka hirmaatan waamichi dhiyaate.
 
Waamicha hirmaannaa lammummaa kana kan dhiyeessan ministira Ministeera Bishaan, Jallisii fi Inarjii Dooktar Injiinar Silashii Baqqalaa, ministira Ministeera Misooma Magaalaa fi Koonistiraakshinii Injiinar Ayishaa Mahaammadii fi koomiishinara Koomiishinii Bosonaa fi Qabeenya Qilleensaa Proofeesar Fiqaaduu Bayyanaati.
 
Hirmaannaan ashaaraa magariisaa faayidaa diinagdee fi hawaasummaa biyyaaf kan gumaachu ta’uu ibsaniiru.
 
Dhaabbiib biqiltuu biiliyoona 4 bara darbe hojjetame waggaa tokkotti bu’aa diippiloomaasii argamsiisuu ibsaniiru.
 
 
Lammiin hunduu weerara vaayrasii koroonaa ofirraa ittisaa akka hirmaatus dhaamaniiriu.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.