Fana: At a Speed of Life!

Lammiileen Ityoophiyaa Keeniyaatti manneen hidhaa garaagaraa keessa turan gara biyyaa deebi’an

Finfinnee, Adooleessa 24, 2013 (FBC) –Lammiileen Ityoophiyaa Keeniyaatti manneen hidhaa garaagaraa keessa turan 60 gara biyyaa deebi’uu isaanii ibsame.

Naayiroobiitti Imbaasiin Ityoophiyaa Biiroo Qorannoo Yakkaa Keeniyaa waliin ta’uun Lammiilee buufata Poolisii Kaatuunduu, Kiiyaambuu, Tiikkaa, Giigiirii, Juujaa, fi Ruuyiruu keessa turan 117 gara biyyaa akka deebi’an taasiisaa jiraachuu ibsameera.

Guyyaa har’aa marsaa duraan lammiileen 60 karaa Mooyaaleen gara Ityoophiyaa galuu isaanii ragaan Ministeera Alaarraa argame ni muul’isa.

Kanneen hafan guyyoota itti aanaan gara biyyaa kan deebi’an ta’uu ibsameera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.