Fana: At a Speed of Life!

Lammiileen Ityoophiyaa kuma 1 fi 85 Sa’ud Arabiyaarraa biyyatti deebi’an

Finfinnee, Waxabajjii 20, 2014 (FBC) – Guyya har’aa marsaa sadiin hojii lammiilee gara biyyatti deebisuu gaggeeffameen lammiileen kumni 1 fi 85 Saa’ud Arabiyaarraa deebi’aniiru.

Kanneen deebi’an keessaa 17 dubartoota, 19 daa’immanii fi kumni 1 fi 49 ammoo dhiirota ta’uu ibsameera.

Deebitootaaf kunuunsi barbaachisaan erga taasifameen booda buufata qophaa’eef qubsiifamaniiru.

Hanga ammaatti hojii lammiilee biyyaa alaarraa deebisuu gaggeeffameen Ityoophiyaanonni kumni 43 fi 175 deebi’uu ragaan Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.