Fana: At a Speed of Life!

Lammiileen Ityoophiyaa kumni 1 fi 40 Saa’uud Arabiyaarraa gara biyyaa deebi’an

Finfinnee, Caamsaa 8, 2014 (FBC) – Lammiileen Ityoophiyaa Saa’uud Arabiyaatti haala rakkisaa keessa turan kumni 1 fi 40 gara biyyaa deebi’aniiru.
Deebitoota keessa 303 dubartoota, 90 daa’immaan yoo ta’an, 647 ammoo dhiirota ta’uu ibsameera.
Lammiilee Ityoophiyaa Saa’uud Arabiyaatti haala rakkisaa keessa jiran gara biyyaa deebisuuf hojii hojjetamaa jiruun hanga ammaatti lammiileen kumni 23 fi 640 deebi’uu ragaan Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.