Fana: At a Speed of Life!

Lammiileen kuma 1 fi 192 Saa’ud Arabiyaarraa gara biyyaatti deebi’an

Finfinnee, Ebla 7, 2016 (FBC)- Sa’ud Arabiyyatti lammiilee rakkoo keessatti argaman marsaa sadiin hojii gara biyyatti deebisuu gaggeeffameen guyyaa har’aa lammiileen kuma 1 fi 192 Saa’ud Arabiyaarraa gara biyyaatti deebi’aniiru.

Deebitootaa keessaa kuma 1 fi 78 dhiirota, 89 dubartootaa fi gudattoota umrii 18 gadii 5 fi daa’immaan 20 ta’uu ragaan Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaarraa argame ni mul’isa.

Ebla 4, 2016 eegalee guyyoota sadiif walitti fufiinsaan hojii lammiilee gara biyyatti deebisuu gaggeeffameen lammiileen kuma 3 ol deebifamuun ibsameera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii https://www.facebook.com/afaanoromoofana

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.