Fana: At a Speed of Life!

Lammiileen kumni 1 fi 41 Saa’ud Arabiyaarraa gara biyyaa deebi’an

Finfinnee, Adoolessa 27, 2014 (FBC) – Saa’ud Arabiyaatti lammiilee haala rakkisaa keessa turan kumni 1 fi 41 guyyaa har’aa gara Ityoophiyaatti deebi’aniiru.

Kanneen deebi’an keessaa 859 dhiirota, 145 dubartootaa fi 37 ammoo daa’immanii fi guddattoota umriin isaanii waggaa 18 gadiiti jedhameera.

Deebitootaaf kunuunsi barbaachisaan taasifamuun, bakka tursiisaa qophaa’eef qubsiifamu ragaan Ministeeraa Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.