Fana: At a Speed of Life!

Leenjiin haala mijeessitootaa tajaajila hawaasummaa tola ooltoota biyyaalessaa eegalame

Finfinnee, Muddee 6, 2013 (FBC) – Leenjiin haala mijeessitootaa tajaajila hawaasummaa Tola Ooltoota Biyyaalessaa eegalamuu Ministeerri Nageenyaa beeksise.
 
Ministeerri nageenyaa biyyattiitti nageenya waaraa mirkaneessuuf, waliigaltee biyyaalessa uumuu fi tokkummaa cimsuuf damee hundaan hojjechaa jiraachuu ibsameera.
 
Dargaggoonni namuusaa, ilaalchaa fi aadaa hojii gaarii qaban ijaarsa biyyaa keessatti qooda olaanaa qabaachuu eerrameera.
 
Ministeerri Nageenyaa dargaggoota biyyaalessaa tajaajila tola ooltummaa hawaasummaa keessatti hirmaachiisuuf sagantaawwan garaagaraa bocee qooda fudhattoota waliin qindoominaan hojjechaa jiraachuu beeksiseera.
 
Dargaggoota tajaajila hawaasummaa tola ooltummaa biyyaalessaa  keessatti hirmaachiisuuf dargaggoota saganticha akka mijeessan filataman 260f leenjii kennamuu eegaleera.
 
Tajaajila tola ooltummaa hawaasummaa biyyaaleessaa marsaa jalqabaan dargaggoonni dhaabbilee barnootaa olaanoorraa eebbifamuun hojii malee jiran kumni 50 fedhii isaaniin tajaajilicha laachuuf galmaa’uu ibsameera.
 
Saganticha milkeessuuf dhaabbileen deeggartootaa biyya keessaa fi idil addunyaa deeggarsa maallaqaa, galtee fi humna namaa taasiisurratti argamu jedhame.
 
Sagantichi akka milkaa’u dhaabbileen mootummaa federaalaa hanga gandaatti jiran tumsa barbaachisu taasiisuu akka qaban gaafatamuu ragaan Ministeericharraa argame ni muul’isa.
 
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
 
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
 
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.