Fana: At a Speed of Life!

Leesoottoon nama jalqabaa vaayrasii koroonaan qabame galmeessifte

Finfinnee, Caamsaa 5, 2012 (FBC) – Leesoottootti namni jalqabaa vaayrasii koroonaan qabame argamuu isaa Ministeerri Fayyaa biyyattii beeksise.
 
Biyyattiin Afrikaatti biyya dumarratti vaayrasiin koroonaa keessatti argame taateerti.
 
Gibtsi ammoo Afrikaatti biyya jalqabaaf namni vaayrasii koroonaa qabame keessatti argame ta’uun ishee kan yaadatamuudha.
 
Biyyoota Ardii Afrikaa hunda keessatti vaayrasichuu muul’ateera.
 
Leesoottoon Afrikaa Kibbaa biyya namoonni kumni 11 ol vaayrasii kanaan qabamaniin marfamtee osoo jirtu hanga guyyaa har’aatti vaayrasichi keessatti hin muul’anne ture.
 
Afrikaatti namoota kuma 71 ol dhibichaan qabaman keessaa namoonni kumni 2 fi 400 ol du’aniiru.
 
Waliigala addunyaarratti hanga guyyaa kanaatti namoonni miiliyoonni 4 fi kumni dhibbi 3 fi kumni 74 fi 914 dhibichaan kan qabaman yoo ta’u, namoonni kumni dhibbi 2 fi kumni 94 fi 414 lubbuun darbaniiru.
 
Maddi :- CGTN
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.