Fana: At a Speed of Life!

Liigiin dargaggoota Paartii Badhaadhinaa deeggarsa Birrii miiliyoona 19 taasise

Finfinnee, Fulbaana 10, 2014 (FBC)- Liigiin dargaggoota Paartii Badhaadhinaa Raayyaa Ittisaa fi lammiilee qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’aniif deeggarsa Birrii miiliyoona 19 taasisuu ibsameera.

Dargaggeessi adda waraanaa deemee duula birmadummaa deemuun cinatti gooticha Raayyaaa Ittisaa fi lammiilee qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’aniif deeggarsi taasisu cimee kan itti fufu ta’uu liigichi ibseera.

Hoogganaan liigii dargaggoota Paartii Badhaadhinaa obbo Akililuu Taaddasaa, dargaggeessi wareegama biyyasaaf kaffalurra darbee lammiisaaf dafee kan qaqqabu ta’uu gochaan agarsiisaa jira jedhaniiru.

Liigichi adda waraanaa Affaarii fi Wallootiin deeggarsa garaagaraa Birrii miiliyoona 38tti tilmaamamu taasiseera jechuun obbo Akililuun ibsaniiru.

Humnoota nageenyaa fi buqqaatota adda waraanaa Wallootti argamaniif deeggarsa Birrii miiliyoona 19 ol ta’u kennuus ibsameera.

Hoggantuun liigii dubratootaa paartichaa aadde Maskaraam Abbabaa gama isaaniin, dargaggoonni dubratootaa adda waraanaarra hanga duulaa birmaddummaa biyaatti deeggarsi taasisaa jiran kan dinqisifatamuudha jedhan.

Kadir Mahaammadtu gabaase

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.