Fana: At a Speed of Life!

Loltoonni Ameerikaa haaloo bahuuf hidhattoota Iiraanin deeggaramanirratti haleellaa raawwatan

Finfinnee, Bitootessa 4, 2012 (FBC) – Ameerikaan loltoota Iraanin deeggaramanii fi Iiraaq keessatti argaman irratti haaloo bahuuf haleellaa raawwatte.

Raayyaan Ittisaa Ameerikaa akka ibsetti bakkeewwan loltoonni Ameerikaa haleellaa itti raawwataa jirtu kun buufata waraanaa hidhattootaa shan irrattidha.

Ibsa Ministeerri Ittisaa Ameerikaa Kamisa galgala baasen buufata waraanaa Qaxayib Hezboollaah irratti haleellaan taasifamaa jira.

Haleellaan raawwatamaa jiru ofirraa ittisuuf kan taasifamaa jiruu fi dhukaasa milishoota Shiyaa Iiraanin deeggaraman irraa dhukaafameef akka deebitti kan taasifamudha jechuun ibsa.

Ministirri Ittisaa Ameerikaa Maark Espeer lubbuu humnoota nageenyaa keenya eeguuf tarkanfii kamuu ni fudhanna jedhan.

Xiinxalaan ittisaa Joonaataan Maarkas addunyaan dhimma koroonaavaayirasii dhimma ijoo isaa godhatus Ameerikaa fi Iiraan Iraaq keessaa lola hin dhaabne jedhan.

Maddi:- BBC

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.