Fana: At a Speed of Life!

Loltoota Eertiraa daangaa Ityoophiyaa baasuun raayyaa ittisa biyyaa Ityoophiyaa bakka buusuuf waliigalame

Finfinnee, Bitootessa 17, 2013 (FBC)- Loltoonni Eertiraa daangaa Ityoophiyaatii akka ba’aanii fi raayyaan ittisa biyyaa Ityoophiyaa bakkicha akka bu’u Dooktar Abiy Ahimadii fi preezdaant Isaayyaas Afawarqiin waliigalaniiru.

Eertiraatti daawwannaa taasisaan kan jiran Ministirrii Muummee Ityoophiyaa Dooktar Abiy Ahimad preezdaantii Eertiraa waliin mari’achuun waliigalticharra kan ga’aan.

Raayyaan ittisa biyyaa Ityoophiyaa ariitiin naannicha akka to’atuu fi eegumsa akka itti fufuu waliigalaniiru.

Biyyoonni kunneen hariiroo biyyoota lamaanii fi walitti hidhamiinsa diinagdee isaanii caalmaan akka itti fufan ibsaniiru.

Bu’uura waliigaltee bara Faranjootaa 2018 wal amanuurratti hundaa’ee ollummaa waloo cimsuuf waliigaluu Dooktar Abiy ibsaniiru.

Keessattuu lammiileen naannoo Tigraay naannoo daangaa jiraatanii fi Eertiriyaanoota michuu isaanii waliin wal amanuun hariiroo ummataa cimsuun murteessaa ta’uu Dooktar Abiy Fuula Miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.