Fana: At a Speed of Life!

Lubbuun namoota 3 koontiroobaandii to’achuurratti balaa boombitiin darbe

Finfinnee, Gurraandhala 27, 2012 (FBC) – Qaamolee koontiroobaandii daddabarsan to’achuuf yaalii godhamaa tureen lubbuun hojjettoota Guumruukaa, Poolisii Federaalaa fi Humna Addaa Naannoo Amaaraa darbe.

Maagaalaa Baahir Daar naannoo buufata to’annoo guumruukaa Saanjaatti koontiroobaandistoota boombii seeraan ala fe’anii imalaa turan to’achuuf falmii taasifameen lubbuun namoota sadii darbuun ibsameera.

Ministeerri Galiiwwanii namoota lubbuun darbaniif gadda itti dhaga’ame ibsuun, taateen kun caalmaatti koontiroobaandii to’achuuf murannoon hojjetamuu akka qabu ibseera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.