Fana: At a Speed of Life!

Luulaa Daa Siilvaan filannoo Pireezidaantummaa Biraaziil injifatan

Finfinnee, Onkololeessa 21, 2015(FBC)- Filannoo Pireezidaantummaa Biraaziilitti gaggeeffameen kanaan dura biyyattii bulchanii kan turan Luulaa Daa Siilvaan injifatan.

Filannicha Luulaa Daa Siilvaan sagalee 50.9% argachuun injifataniiru.

Filannoo Pireezidaantummaa biyyattii bara 2018 gaggeeffameen Luulaa Daa Siilvaan yakka malaammaltummaan himatamuun hidhaarra waan turaniif osoo hin dorgomiin hafan.

Dorgommiin pireezidaantumma bara kanaa dorgommii cimaan kan taasifameefi muddamaan guute ta’uu gabaafameera.

Qoqqoodiinsi tibba duula na filadhaa lammiilee gidduutti uumame yeroo gabaabaa keessatti ni bada jedhamee kan hin eegamne ta’uu ibsameera.

Maddi:- BBCfi Aljeezraa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.