Fana: At a Speed of Life!

Maalaawwiitti Obobboleessa cimaa Rooba makate mudateen lubbuun namoota 447 darbe

Finfinnee, Bitootessa 10, 2015 (FBC) –Kibba Maalaawwiitti Obobboleessa cimaa Rooba makate mudateen lakkoofsi namoota lubbuun darbanii 447 qaqqabuu ibsame.

Obobboleessi Cimaan guyyaa kaleessaa naannoo sa’aatii 7 muudate lammiilee biyyattiirra miidhaa cimaa qaqqabsiisuu eerameera.

Lammiileen kumni 362 ammoo qa’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’uu himameera.

Balichaan namoonni 918 yoo madaa’aan, namoonni 282 ammoo achi buuteen isaanii hin argamne jedhame.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.