Fana: At a Speed of Life!

Maallaqa seeraan ala fudhataman %95 deebisiisuu Baankichi beeksise

Finfinnee, Ebla 9, 2016 (FBC)- Maallaqa seeraan ala fudhataman %95 deebisiisuu Baankiin Daldalaa Itiyoophiyaa beeksise.

Rakkoo siistamaa Bitootessaa 7, 2016 mudateen Birrii Miiliyoona 801 fi kuma 417 fi 747.8 seeraan ala fudhatamuu baankichi beeksisee turuun ni yaadatama.

Haaluma kanaan maallaqa seeraa ala fudhataman keessaa Birrii miiliyoona 762 fi kuma 941 fi 341 deebisisuu eereera.

Kunis maallaqaa deebifamuu qabu keessaa %95 ta’uu eeruun kan hafe Birrii miiliyoonaa 38 fi kuma 474 fi 938 hojiin deebisiisuu akka itti fufu ibsuu ragaa baankicharraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii https://www.facebook.com/afaanoromoofana

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.