Fana: At a Speed of Life!

Maanguddoo Umrii waggaa 180 maatii 500 horan

Finfinnee, Caamsaa 28, 2015 (FBC)- Godina Arsii Lixaa Aanaa Nansabootti Maanguddoon umrii waggaa 180 jiraatan Abbaa Daaluu Jaarsoo argaman.

Manguddoon kun bara Mootii Hayilessillaasee keessas rifeensi isaanii arrii akka qabu; umurii isaanii kanattis ijisaanii akka argu, ilkaan fayyaalessa akaayii qurxumsee nyaatu, gurra dhaga’u kan qabaniidha.

Maanguddoon kun abbaa ijoollee 65 yoo ta’an, manguddoon kun Abaabilee Abaabilee kan argan yoo ta’u walumagalatti maatii 500 horataniiru.

Maanguddoon Abbaa Daaluu Jaarsoo yeroo ammaa hiriyootas ta’e obboloonni waliin dhalatan lubbuun kan hinjirre ta’uu OBN gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.