Fana: At a Speed of Life!

Maayik Poompiyoon, bakka buutota Yaa’ii Dhaabbilee Amantaa Ityoophiyaa waliin mari’atan

Finfinnee, Gurraandhala 11, 2012 (FBC) – Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaa Maayik Poompiyoon, bakka buutota Yaa’ii Dhaabbilee Amantaa Ityoophiyaa waliin mari’atan.
 
Turtii isaanitiin demokraasii keessatti barbaachisummaa mirga amantaarratti mari’ataniiru.
 
Ministirichi filannoon biyyoolessaa fulduratti gaggeeffamu Ityoophiyaadhaf murteessaa ta’uu karaa fuula Twiitaraa isaanitiin beeksisaniiru.
 
Filannoon gaggeeffamu naga qabeessa akka ta’uuf bakka buutota yaa’ichaa waliin mari’ataniiru.
 
Ministirichi Ityoophiyaatti daawwii hojiirra kan jiran yammuu ta’u, preezdaant Saahilawarq Zawdee, muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad, ministira Dhimma Alaa FDRI obbo Gadduu Aandaargaachaw waliin mari’ataniiru.
 
Jijjiirrama Ityoophiyaatti gaggeeffamu Ameerikaan kan tumsitu ta’uu ministirichi ibsaniiru.
 
Ministirichi har’a daawwii hojii isaanii Ityoophiyaa xumuraniiru.
 
Ministirri Dhimma Alaa FDRI obbo Gadduu Aandaargaachaw Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Booleetti argamuun gaggeessaa taasisaniifiru.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.