Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Adaamaatti ergamtoonni  Shaneefi ABUT 82 to’atamuu ibsame

Finfinnee, Fulbaana 19, 2015 (FBC)- Magaalaa Adaamaatti meeshaalee waraanaa garaagaraa dabalatee ergamtoonni  Shaneefi ABUT 82 to’atamuu Biiroon Bulchiinsaafi Nageenyaa magaalichaa ibse.

Hogganaan Biiroo Bulchiinsaafi Nageenyaa magaalichaa obbo Makiriyaa Dinquun, ergamtoonni garee Shororkeessitootaa Shaneefi ABUT magaalichatti kabaja Ayyaanota Masqalaa, Irreechaa jeequuf sochii taasisaa turuu eeraniiru.

Miseensonni Shaneefi Abbaa Torbee 33 fi seelonni ABUT 49 to’atamuu ibsaniiru.

Kabajni Ayyaana Irreechaa Hora Finfinneefi Hora Harsadee rakkoo nageenyaa tokko malee akka xumuramaniif bulchiinsi magaalichaa Godina Shawaa Bahaafi Magaalota ollaa waliin qindoominaan hojjechaa jiraachuu dubbataniiru.

Bakkeewwan bahiinsaafi galma magaalichaa arfanittuu hojiin sakattoo qindaa’aan gaggeeffamaa jiraachuu ibsuu TOI gabaaseera.

Hojii sakattoo hojjetameenis shugguxiiwwan 19, kilaashiin 6 fi rasaasni kumni 3 ol to’atamuu eeraniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.