Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Baatiitti fanjiin dhohee namoonni 4 yoo du’an namoota 5 irra miidhaa cimaan qaqqabe

Finfinnee, Caamsaa 9, 2014 (FBC) – Magaalaa Baatiitti fanjiin dhohee namoonni 4 yoo du’an namoota 5 irra miidhaa cimaan qaqqabuu ibsame.

Guyyaa har’aa naannoo sa’aatii 8:30 magaalaa Baatii ganda 03 bakka Addisuu Safar jedhamuun beekamutti namni dhuunfaa fanjii gareen shororkeessaa ABUT  gatee adeeme osoo hin beekiin wayita tuttuquu fanjichi harkaa dhohuun namicha dabalatee  lubbuun daa’ima 3 darbuu poolisiin magaalichaa ibseera.

Dabalataanis dubartoota 2 fi daa’imman 3 irratti miidhaa cimaan qaqqabuu poolisiin beeksisseera.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.