Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Buraayyuutti meeshaalee waraanaa seeeraan ala daddabarfamaa turan to’annaa jala oolan

Finfinnee, Qaammee 5, 2013 (FBC)- Bulchiinsa Magaalaa Buraayyuutti meeshaalee waraanaa seeeraan ala daddabarfamaa turan to’annaa jala ooluu poolisiin beeksiseera.

Konkolaataa fe’umsaa Iysuuzuu naannoo Amaaraa Godina Addaa Oromoo Magaalaa Kamisee irraa ka’uun daddabarfamaa ture Bulchiinsa Magaalaa Buraayyuutti to’annaa jala ooluu Magaalichatti abbaan adeemsa hojii naannawaa mirkaneessaa itti aanaa Koomaandar Abduraazaaq Naggaa himaniiru.

Meeshaaleen kunneen eeruu uummataa fi qindoomina qaamolee nageenyaatin to’annaa jala ooluu ibsaniiru.

Akka OBN gabaaseetti meeshaaleen to’ataman kunneen rasaasa Bireenii 400, rasaasa kilaashii kuma 2 fi 558 cuubee xixiqqaa fi gurguddaa kuma 3 fi 94 qabamuu eerameera.

Feesbuuki keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.