Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Finfinneetti namoonni waraqaa eenyummaa fudhachuun irra jiraatu guyyoota 15 keessatti fudhaachuu qabu jedhame

Finfinnee, Sadaasa 8, 2014 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti namoonni waraqaa eenyummaa yeroo fudhachuun irra jiraatu guyyoota 15 keessatti fudhachuu akka qaban Biiroon Bulchiinsaa fi Nageenyaa magaalichaa beeksiise.

Guyyoota 15 booda jiraatan waraqaa eenyummaa qabatee hin argamne itti gaafatamaa jedhame.

Qajeelfama kenniinsa waraqaa eenyummaa labsii yeroo ariifachiisaa ilaachisee Hogganaan Biiroo bulchiinsaa fi Nageenyaa magaalaa Finfinnee Dooktar Qana’aa Yaadataan ibsa laataniin, jiraattoonni magaalichaa waraqaa eenyummaa idilee hin qabaanne Sadaasa 6, 2014 eegalee guyyoota 15 keessatti waraqaa eenyummaa yeroo fudhachuu akka qaban himaniiru.

Qaamni nama hin malleef waraqaan eenyummaa akka laatamuuf taasiise adabbii hidhaa waggaa 3 hanga waggaa 10 kan adabamu ta’uu hubachiisaniiru.

Waraqaan eenyummaa yeroo kan fudhatamu Caasaa Bulchiinsaa fi Nageenyaa Magaalaa Finfinnee, akkasumas Magaalaa Dirree Dawaa fi Naannoleetti ammoo caasaalee Poolisiitii ta’uu ibsaniiru.

Qajeelfama kenniinsa waraqaa eenyummaa labsii yeroo ariifachiisaa ilaachisee hoggantoonni Biiroo Bulchiinsaa fi Nageenyaa Magaalaa Finfinnee Kutaa Magaalaa Qiirqoositti mari’achaa jiraachuu EBCn gabaaseera.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.