Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Finfinneetti qorichi seeraan alaa daddabarfamaa ture kaartooniin 71 too’atame

Finfinnee, Muddee 27, 2013 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti qorichi kaartooniin 71 fi Urgooftuuwwan kaartoonnii 57 seeraan alaa daddabarfamaa naanna’aa ture too’atamuu Komishiniin Poolisii magaalichaa beeksise.
Meeshaaleen Kontiroobaandii kunneen kutaa magaalaa Addis Katamaa aanaa 10 iddoo addaa Iffooyitaa jedhamuun beekkamutti halkan keessaa naannoo sa’aatii 10:00 sakattoo gaggeeffameen too’atamuu Komishiniin Poolisii magaalaa Finfinnee beeksiseera.
Dukkana daheeffachuun konkolaataan fe’umsaa qorichoota kaartoonii 71 fi Urgooftuuwwan (Shittoo) kaartoonii 57 seeraan ala fe’uun socho’aa ture too’atamuu Qajeelcha Poolisii kutaa magaalaa Addis Katamaatti itti gaafatamaan too’annoo diiviizyiinii tiraafilaa Komaandar Tigisti Hayiluu dubbataniiru.
Qaamolee yakka kana duuba jiran too’achuun seeraatti dhiyeessuuf tattaaffiin taasiifamaa jiraachuu ragaan Komishinii Poolisii Magaalaa Finfinneerraa argame ni muul’isa.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.