Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Jimmaatti balaa Ibiddaa qaqqabeen qabeenyarra miidhaan ga’uu ibsame

Finfinnee, Muddee 30, 2013 (FBC) – Magaalaa Jimmaatti Balaa Ibiddaa tasa muudateen qabeenyi Birrii miiliyoona 6tti tilmaamamu manca’uu ibsameera.
Qajeelcha Poolisii magaalichaatti dursaan garee qorannoo yakkaa waajjira Poolisii aanaa lammaffaa Saajin olaanaa Raagoo Abbaa Firaa akka jedhanitti mana jireenyaa nama dhuunfaa fi mana hojii irratti halkan keessaa naannoo sa’aatii 11:00 balaa ibiddaa tasaa uumameen qabeenyi manca’uu himaniiru.
Balichi ganda Bochoo Booree naannoo Buufata Konkolaataatti mana oomishi hojii mukaa tokkorra qaqqabuu ibsaniiru.
Akka Waajjiiri Dhimmoota Komiinikeeshini magaalichaa beeksiseetti,ka’umsi balichaa qoratamaa jira.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.