Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Jimmaatti Piroojektootni Birrii biiliyoona walakkaa oliin hojjataman eebbifaman

Finfinnee, Waxabajjii 26, 2014 (FBC) – Magaalaa Jimmaatti Piroojektootni Birrii miiliyoona dhibba 5 fi miilyona 51 oliin hojjatamaa turan eebbifamaniiru.

Piroojektootni guyyaa har’aa eebbifaman piroojektii misooma qarqara laga Aweetuu fi daandii cehumsaa, akkasumas mana barumsa Ifa Boruu ta’uu eerameera

Dabalataan, ibsaan daandii cinaa, tiraafikaa, gidduu galli gabaa dabalatee walii gala piroojapektootni 36 xumuramanii tajaajilaaf banaa ta’uu himameera.

Kantiibaan magaalaa Jimmaa Obbo Najiib Raayyaa, piroojektootni eebbiifaman gaaffii hawaasa magaalichaa fi naannawaa ishee deebisuurra darbee faayidaa hawaasummaa fi diinagdee olaanaa qabaachuu dubbataniiru.

Piroojektiiwwan eebbifaman bajata mootummaa, deeggarsa baankii Adduunyyaa fi hirmaannaa ummataan kan hojjataman ta’uus kantibachi himaniiru.

Pirezdantiin bulchiinsa naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan gama isaaniin, akka naannootti piroojektootni kumni 20 eebbifamaa jiraachuu dubbataniiru.

Muktaar Xahaatu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.