Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Sabbataatti balaa Tiraafikaa qaqqabeen lubbuun namoota 5 darbe

Finfinnee, Waxabajjii 17, 2013 (FBC) – Balaa Tiraafikaa Magaalaa Sabbataatti muudaten lubbuun namoota 5 yoo darbu namoota 8 irra ammoo miidhan cimaan ga’eera.
Bulchiinsa Magaalaa Sabbataa naannoo Furii jedhamuutti balaa tiraafikaa ganama har’aa naannoo sa’aatii 12:30tti mudateen lubbuun namoota 5 yemmuu darbu, namoota 8 irra miidhaa cimaan qaqqabuu Itti gaafatamaan Tiraafikaa Magaalaa Sabbataa Saajiin olaanaa Maammuush Caalaa ibsaniiru.
Balichi kan Uumame konkolataan Minii Buus jedhamu Jamoodha gara Alaamganaatti imaltoota fe’ee ariitii seeraan alaan fiigaa turu kufee garagaruun ta’uu ibsaniiru.
Namoonni miidhaan irra ga’e gara Hospitaalaatti fudhatamuun yaallamaa jiraachuu ragaan Waajjira Dhimmoota Kominikeeshinii Magaalaa Sabbatarraa argame ni muul’isa.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraamahttps://t.me/afanoromofana
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.