Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Sabbataatti bilbiloonni gosa garagaraa kumni 4 ol seeran alaa daddabarfamaa turan to’annaa jala oolan

Finfinnee, Eebila 18, 2013 (FBC)- Magaalaa Sabbataatti bilbiloonni gosa garagaraa 4065 ol seeran alaa daddabarfamaa turan to’anna jala oolaniiru.

Meeshaaleen kunneen eeruu uummataatin to’anna jala kan oolaan yoo ta’uu, bulchiinsa magaalaa Sabbataa bakka addaa Alamganaa jedhamee beekamutti to’atamaniiru.

Bilbiloota kanneen malee “Ear Phone” 550, meeshaalee kutaalee qaama konkoolataatti galan hedduun to’aatamaniru.

Meeshaaleen kunneen naannoo kibbaarraa gara Finfinneetti daddabarfamaa osoo jiranii to’atamuu ragaan waajjira Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa magaalaa Sabbataarra argamee ni muul’dhisa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.