Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Sabbataatti Fooramiin Abbootii Qabeenyaa fi Mootummaa gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Bitootessa 22, 2014 (FBC) – Magaalaa Sabbataatti Fooramiin Abbootii Qabeenyaa fi Mootummaa walitti fidee gaggeeffamaa jira.

Fooramichaanis gaheen Abbootii qabeenyaa misooma diinagdee keessatti qaban imala badhaadhina naannoof humna guddaadha jedhameera.

Fooramichi mata duree ‘walta’iinsa Abbootii qabeenyaa fi mootummaa cimsuudhaan fayyadamummaa hawaasa magaalaa keenyaa daran ni guddifna’ jedhuun gaggeefamaati kan jiru.

Fooramicharratti sadarkaa itti aanaa preezdaantitti qindeessaa kilaastera  magaaloota Oromiyaa Obbo Addisuu Araggaa dabalatee, hoggantonni mootummaa sadarkaa garagaraa fi abbootiin qabeenyaa argamaniiru.

Fooramichaniis koreen filatamuun haanqinoonni jiran adda baafamuun akka furmaata argatan ni hojjetamaa jedhameera.

Ciminoota jiran immoo daran cimsanii itti fuufsisuuf kan hojjetamu ta’uu itti gaafatamaan waajjira invastimantii fi indastirii magaalaa Sabbataa Obbo Aganyaw Fiqruu himaniiru.

Fooramichaanis danbiinitti bulmaata abbootii qabeenyaa fi mootummaa ba’uun  hirmaattootaaf ifa taasifameera.

Fooramicha irratti hoggantonni mootummaa sadarkaa garaagaraa fi  abbootiin qabeenyaarratti argamuun hirmaachaa jiru.

Kantiibaan Magaalaa Sabbataa aadde Alfiyaa Abdurraahmaan, rakkoo gama invastimantiin jiru adda baasuun tarkaanfii barbaachisuu fudhachuu fi onnachiistuu adda addaatin invastaroota cinaa dhaabbataa jirra jedhaniiru.

Jamiilaa Jamaaltu gabaase.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.