Fana: At a Speed of Life!

Magaalaan Finfinneefi Magaalaan Deenvar waliigaltee gam-lamee waliif mallatteessan

Finfinnee, Caamsaa 14, 2015(FB)- Magaalaan Finfinneefi Magaalaan Deenvar waliigaltee gam-lamee waliif mallatteessuu kantiibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen ibsan.

Xiyyeeffannoon waliigaltichaa hariiroo magaalota lameenii daran cimsuun, dameewwan daldalaa, invastimantiifi teekinooloojiin waliin hojjechuuf ta’uu Aadde Adaanech eeraniiru.

Kana malees Sagantaa Guyyaa Daldalaa Addunyaarratti oomishaaleen Ityoophiyaa beeksifamuu kaasaniiru.

Simannaa magaalaa Deenvaritti taasifameefiif kantiibaa magaalichaa Haankookiifi waahellan isaanii kan galateeffatan ta’uu ergaa gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin ibsaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.