Fana: At a Speed of Life!

Magaalichaatti bu’aa sakatta’insaa weerara lafaa, gamoowwan abbaa hin qabne, koondoominiyaamii fi manneen gandaa irratti ibsi laatame

Finfinnee, Amajjii 18, 2013 (FBC ) –Itti Aantuu Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Adaanach Abeebee bu’aa sakatta’insa weerara lafaa, gamoowwan abbaa hin qabne, koondoominiyaamii fi manneen gandaa irratti ibsa laataniiru.
Ibsichaan weerara ilaalchisuun waliigalaan karee 13,389,955 yookaan heektaara 1,338 karaa seeraa alaa qabameera.
Aanoota magaalichaa 121 keessaatti 73% kan ta’u weerarameera.
Gamoowwanii fi manneen abbaa hin qabne ilaalchisuun waliigalaan Gamoowwanii fi manneen abbaa hin qabne 322 yoo ta’u, Kanneen keessa ijaarsi isaanii kan xumurame 58 yoo ta’u, 125 kaaree 409 irratti ijaaramuun kireeffamaniiru.
Ijaarsi isaanii kan hin xumuramne gamoowwan 264 yoo ta’u, manneen kunneen kutaa magaalaa Laaftootti naannoo tokko irratti weeraruun kan ijaaramanidha.
Manneen jireanyaa waliinii Koondoominiyamii ilaalchisuun bu’uuruma bu’aa qoranichaan karaa seeraa alaan kan qabaman Manneen waliinii 21,695 yoo ta’u, 15,891 ragaa manneen jireenyaa waliinii kan hin dhiyeesine yoo ta’u; 4530 duwwaa kan ta’an, 850 cufaa kan ta’anii fi 424 ammoo karaa seeraa alaa namootaan qabamanii kan argamanidha.
Dabalataan manneen 132,678 maqaan abbootii carraa koorporeeshinii manneen galmaa’ee kan jiru yoo ta’u 18, 423 ammoo maqaa abbaa qabiyyee kan hin qabnedha.
Manneen Gandaa ilaalchisuun raga bu’uura waajjira misooma manneen aanaa akka mul’isutti bulchiinsa magaalichaa jalatti kan bulan manneen jireenyaa fi manneen daldalaa gandaa 150737 jiru.
Qorannoo kanaan kan argaman manneen jireenyaa fi manneen daldalaa gandaa 138,652 qofaadha.
Manneen jireenyaa gandaa keessaa manneen 7723 waliigaltee kan hin qabnee namoota seeraa alaan too’tamaniiru.
Manneen gandaa 2207 gara dhuunfaatti geeddaramaniiru.
Manneen 265 qaama sadaffaan kan too’atame, manneen jireenyaa waliinii 164 namoota mana jireenyaa dhuunfaa qabaniin kan too’tamedha.
Manneen gandaa 137 gurgurtaan gara dhuunfatti kan darbe.
Manneen gandaa 1243 cufamanii kan jiranidha.
Manneen gandaa 5043 kan diigaman, manneen gandaa 180 teessoon isaanii kan hin beekamne/kan badan ta’uu mirkanaa’eera.
Manneen daldalaa gandaa ilaalchisuun waliigalaan manneen daldalaa gandaa 25,096 yoo ta’u, kanneen keessaa karaa seeraa alaan 4,076 kan qabamanidha.
Manneen daldalaa gandaa 1,070 daldaltoota waliigaltee hin qabnee itti fayyadamaa jiru.
Manneen daldalaa gandaa 376 qaama sadaffaan qabamaniiru.
Manneen daldalaa gandaa 179 ammoo cufamanii jiru.
Buulchiinsi magaalaa Finfinnee qorannoo weerara lafa, gamoowwan abbaa hin qabne, manneen gandaa fi misooma manneen jireenyaa waliinii irratti taasiseen, rakkinoota damee hundaa mul’atu madaaluun ummataaf itti fayyadama haqaa mirkaneessu karaa danda’amuun hojii sirreeffaamaa akka hojjetu beekiseera.
Itti dabaluunis, Magaalichatti hojiin seera maleessuummaa akka hin babba;’anneef ummanni gama hundaan akka irratti hirmaatuuf ni hojjeta jedheera.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.