Fana: At a Speed of Life!

Magaalichatti dhaabbilee daldalaa kuma 18 olirratti tarkaanfiin fudhatame

Finfinnee, Fulbaana 28, 2015(FBC)-  Magaalaa Finfinneetti baatiiwwan 3 darbanitti dhaabbilee daldalaa qaala’iinsi gatii akka hammaatuufi seera daldalaa biroo cabsan  kuma 18 olirratti tarkaanfiin seeraafi bulchiinsaa fudhatamuu Biiroon Daldalaa magaalichaa beeksise.

Magaalichatti sochii daldalaa fayyaalessa taasisuuf hojiileen garaagaraa hojjetamaa jiraachuu Ittaantuun hoogganaa biirichaa Aadde Qiddist Sixootaawu ibsaniiru.

Baatiiwwan sadan darbanitti hordoffii dhaabbilee daldalaa kuma 95 ol irratti taasifameen dhaabbilee daldalaa seera daldalaa cabsanii argaman  kumni 18 fi 818 adda baafamuu eeraniiru.

Dhaabbilee daldalaa seera cabsanii argaman kanneen irratti tarkaanfii seeraafi bulchiinsaa fudhachuu dubbataniiru.

Haaluma kanaan dhaabbilee daldalaa kuma 5 fi 54’f akeekkachiisni barreeffamaa yoo laatamu, dhaabbileen daldalaa kumni 4 fi 82 samsamamuu eeraniiru.

Kana malees eeyyamni daldalaa dhaabbilee 422 haqamuu, eeyyam,ni daldalaa dhaabbilee 3 dhorkamuufi dhaabbileen daldalaa 21 ammoo hariiroo daldalaa keessaa baafamuu addeessaniiru.

Tarkaanfii bulchiinsaa fudhatameen dabalataan dhaabbilee daldalaa 182 irratti tarkaanfii seeraa fudhachuuf himanni banamuu ibsaniiru.

Dhaabbilee daldalaa badii salphaa raawwataniif akeekkachiisa kennuun gara toora daldala seera qabeessaa keessa akka seenan taasifamuu TOI gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.