Fana: At a Speed of Life!

Magaalichatti iddoolee seeraan alaa kuma15 fi Manneen sharaan ijaaraman kuma 68 olirratti tarkaanfiin fudhatame

Finfinnee, Adoolessa 24, 2015 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti iddoolee kuma 15 seeraan alaa dalleeffamanii fi manneen sharaan ijaaraman kuma 68 olirratti tarkaanfiin fudhatamuu Abbaan Taayitaa Kabachiisa Dambii magaalichaa beeksiseera.

Weerara lafaa, daldala seeraan alaa, hojmaata naannawaa jeeqan, beeksiisaa fi qalma seeraan ala raawwatamanirratti hojiin to’annoo fi hordoffii taasiifamaa jiraachuu Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Abbaa Taayitichaa Kumala Zarihuun Tafarraan Faanaa Biroodkaastiing Korporeetiif himaniiru.

Haaluma kanaan bara baajataa xumurame kana lafa bifa weeraraan dalleeffaman iddoolee kuma 15 fi 749 irratti tarkaanfii fudhachuun Baankii lafaatti deebisuun danda’amuu eeraniiru.

Akkasumas manneen sharaan qarqara Daandii fi dhaabbilee garaagaraatti hirkachuun ijaaraman kuma 68 olirratti tarkaanfiin fudhatamuus himaniiru.

Ijaarsa seeraan alaa kuma 8 fi 235 irrattis tarkaanfii seeraa fudhatamuu dubbataniiru.

Namoota daldala seeraan alaa gaggeessaa turan kuma 82 fi 824 irrattis tarkaanfiin fudhatamuu kaasaniiru.

Dabalataan Beeksisa sadarkaa gadii iddoolee garaagaraatti daldaltootan maxxafamaa turan kuma 392 irratti tarkaanfiin fudhatamuu Kumala Zarihuun ibsaniiru.

Malaakuu Gadiftu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.