Fana: At a Speed of Life!

Manni barumsaa sadarkaa 2ffaa Ifaa Koomiishigaa Waajjira Giiftii dureen ijaarrame eebbifame

Finfinnee, Amajjii 14, 2013 (FBC) – Naannoo Beenishaanguul Guumuuz godina Asoosaa aanaa Asoosaa ganda Koomiishigaatti Waajjira Giiftii Dureen kan ijaarrame manni barumsaa sadarkaa 2ffaa Ifaa Koomiishigaa har’a eebbifameera.
Giiftii Dureen Zinnaash Taayyachoon mana barumsichaa eebbisiisaniiru.
Manni barumsichaa gamoowwan bulchiinsaa, kutaalee barnootaa, kutaa yaalii, dubbisa kitaabaa, laabooraatoorii Koompiiyuutaraa fi kutaalee qulqullinaan kan hammate ta’ii ibsameera.
Baasii Birrii miiliyoona 13.8 kan ijaarameedha jedhame.
Manneen barumsaa waajjirichi ijaarsisaa jiru keessa kan har’a eebbifame isa 10ffaa ta’uu ibsameera.
Bara kana manneen barnootaa 2ffaa ijaarsi isaanii xumuramaa jiran 8 kan eebbifaman ta’uu himameera.
Manni barumsaa sadarkaa 2ffaa Ifaa Koomiishigaa dabaree lamaan baratoota kuma 1 fi 800 barsiisuu kan danda’u ta’uu ibsameera.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan OromooHttps://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna!
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.