Fana: At a Speed of Life!

Manni Barumsaa Teekinika Waraanaa Awaash ogeeyyii mekaanaayizdii eebbisiise

Finfinnee, Hagayya 7,2014 (FBC)- Manni Barumsaa Teekinika Waraanaa Awaash ogeeyyii mekaanaayizdii ogummaa garaagaraan leenjisaa ture eebbisiise.

Hogganaa olaanaan Qajeelcha Barnootaafi Leenjii Raayyaa Ittisaa Leetenaal Jeneraal Yimar Mokonnin saganticharratti haasawaa taasisaniin, barnootaafi leenjiin ogeeyyii ga’umsa qaban oomishuun ergama ijoo mana barnootichaa ta’uu dubbataniiru.

Wayita garee shororkeessaan ABUT biyyarratti waraana bane ergama gama hundaa fudhachuun itti gaafatamummaa biyya baraaruu ba’achuu eeraniiru.

Yeroo itti aanutti kutaalee makaanaayidii irratti xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta’uu ibsaniiru.

Eebbifamtoonni turtiisaaniin lenjiiwwan birmadummaa biyyaa eegisisuu dandeessisan fudhachuu kan eeran ammoo ajajaa olaanaa mana barumsichaa Koloneel Baalawu Mintasinooti.

Naannawichi daandii daldala al-ergiifi alaa galan keessummeessu ta’uusaan, qaamolee nageenyaa biroo waliin ta’uun naannawicha sochii Shaneerraa bilisa taasisuun danda’amuu ibsaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.