Fana: At a Speed of Life!

Manni Maree Bulchiinsa Mootummaa naannoo Hararii weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf murteewwan dabarse

Finfinnee, Bitootessa 17,2012(FBC) –Manni Maree Bulchiinsa Mootummaa naannoo Hararii weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf murteewwan addaddaa dabarse.
 
Hojjettoonni qaama miidhamtoota dhaabbilee mootummaa hundi, hojjettoonni umriin isaanii waggaa 50 ol ta’e, haadholiin ulfaa, haawwan hoosisan, hojjettoonni dhibeewwan biroo dabalataa qaban, hojjettoonni mootummaa magaaladhaan ala baadiyyaadhaa deddeebi’anii hojjetan, eeyyamaan mana mana isaanii akka turan murteessera.
 
Walga’iiwwan kamuu dhoorkamuu beeksisee, dirqama yoo ta’e namoota 15 kan hin caallen walirraa fageenya meetira 1n gaggeeffamuu mala jedhan.
 
Manneen dhugaatii namoonni itti heddummaatan, manneen dhiichisa halkanii fi dhaabbilee walfakkaatoo biroo banuun tajaajila laachun dhoorkadha.
 
Dhaabbileen fayyaa kamuu namoota ciisanii yaalamaniif wallaanaa tokkoo ol eeyyamuu hin danda’u.
 
Iddoowwan ispoortii, sochii qaamaa, iddoowwan daakkii bishaanii, bakkeewwan taphootaa fi bashannanaa biroo bananii tajajaila laachuunis ta’e tajajailamuun hin danda’amu.
 
Manneen amantaas tamsa’ina vaayrasicha ittisuuf qajeeltoowwan dhaabbileen amantaa kaa’an akka hordofan kallattiin kaa’ameera.
 
Dhaabbilee oomishaalee addaddaa dhoksanii fi gatii dabaluun gurguruuf yaalanirratti tarkaanfiin ni fudhamatas jedheera manni marichaa.
 
Lammiilee biyyoota alaa daawwii fi dhimmoota addaddaatif gara biyyaa dhufan burjaajjessuu, miidhuuf yaaluun, dhiibbaa xinsammuu irraan ga’uun gochaa yakkaa waan ta’eef akka irraa qusatamu dhaamera.
 
Vayrasicha ittisuu fi lubbuu baraaruuf tumsa maallaqaa taasisuun murteessaa ta’uus ibseera.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.